Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Sabaaf Sablammootaa kabajamuun tokkummaa fi sabdaneessummaa cimsa-Atileet Daraartu Tulluu

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Guyyaan Sabaaf Sablammoota kabajamuun tokkummaa fi Sabdaneessummaa akka cimsu Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuun Koomiishinaraa Atileet Daraartuu Tulluun ibsan.

Guyyaan Sabaaf Sablammoota, Ummatoota Itiyoophiyaa 18faan mata duree “Heddumminaa fi walqixxummaa tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti sagantaalee adda addaan kabajama jira.

Guyyaa har’aa guyyaan “Heddumminaa” kabajamaa ooleera.

Guyyicha sababeeffachuun agarsiisa Aadaa qophaa’erratti Atileet Daraartuu Tulluun haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan, biyya argama Aadaalee fi fakkeenya heddumminaati jedhan.

Tokkummaa fi waloomaa cimsuurraan darbee, walqixxummaa sabdaneessummaa, duudhaa obbolummaa daran kan cimsuu ta’uu ibsaniiru.

Garaagarummaa mul’atan aadaa mariin furuu daraan cimsuun akka barbachisus hubachisaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.