Fana: At a Speed of Life!

Konfirensiin Galateeffannaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Konfirensiin Galateeffannaa fi nageenyaa mata duree ‘Boqonnaa Itti Aanu jijjiirama Hunda galeessaaf’ jedhuun Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Saganticha Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee kan qopheesse yoo ta’u,Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheehi Hajjii Ibraahiim Tufaa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon bakka argamanitti galma Barkumeetti gaggeeffameera.

Gaaffiileen hawaasni Musiliimaa bara 1960 kaasee tajaajilli Baankii Dhalarraa bilisaa, bakka Solaataa fi Masjiidaa akka kennamuuf gaaffachaa turan deebii argachuu saganticharratti ibsameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.