Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Chaam Ugaalaan xaalayaa mudama isaanii Pireezidaantii Raashiyaaf dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Raashiyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Chaam Ugaalaan xaalayaa mudama isaanii Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiiniif dhiyeessaniiru.

Raashiyaa fi Itiyoophiyaan hariiroo bara dheeraa waggoota 125 lakkoofsise qabaachuu Pireezidaanti Putiin sirnicharratti ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa tibba darbe Raashiyaatti taasiisaniin waliigalteewwan hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsan mallattaa’anii turan.

Akkasumas Itiyoophiyaan Miseensa biyyoota BRICStti makamuun ishee tumsa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Pireezidaanti Putiin dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.