Fana: At a Speed of Life!

Muuxannoon Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota biratti kaka’umsa uumeera-Billenee Siyyum

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Muuxannoon Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa biyyootaa garagaraa biratti kaka’umsa uumuu Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Minnistira Muummee Billenee Siyyum ibsan.

Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad torban darbe daawwaannaa biyyoota garaagaraatti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaaniin, Dooktar Abiy turtii Ostriyaatti qabaataniin hirmaannaa olaanaa taasisuu, Rippaabilikii Cheekittis daawwannaa taasisuu kaasan.

Wayiita daawwannichaattis Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Rippaabilikii Cheek waliin dhimmoota gamlamee biyyootaa isaaniirratti mari’achuun, damee tuuriizimii fi qonnaan waloon hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, humna qilleensaa cimsuuf mari’achuu ibsanii, kanaan walqabatee suphaa fi haaromsa xiyyaarotaarratti muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uu himan.

Akkasumas duudhaalee aadaa Itiyoophiyaa beeksisuuf walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerraa ga’uu ibsaniiru.

Dabalataan, Gamtaa Emereetotaa Arabaatti turtii taasisaniin, yaa’ii COP28 irratti milkaa’inaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa, wabii nyaataa fi humna haareffamaa Itiyoophiyaa ilaalchisee hojiileen hojjetaman argisiisaaf dhiyaachuu himaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy haasawaa taasisaniinis, dhimma jijjiirama qabeenya qilleensaaf hojiirratti akka xiyyeeffatamu waamicha dhiyeessuu ibsaniiru.

Masarat Awwaqeetiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.