Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin eegumsa naannawaarratti waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi xaaliyaaniin hojiirra olmaa sagantaa eegumsa naannawaarratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa 28ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti Daayrektarri Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannawaa Dooktar Geetaahuun Gaarradoo fi Ministeera Naannawaa fi Inarjii Xaaliyaanitti Itti Gaafatamtuun Qabeenya Qilleensaa Idil Addunyaa Roobarti Roonziit waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichi, naannawaa gammoojjii Itiyoophiyaatti sagantaa eegumsa naannawaa gaggeeffamu akkasumas hojiilee misooma waaraa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Waajjira Qonsilaa Itiyoophiyaa Duubaayii fi Kaaba Emereetotaarraa argame ni mul’isa.

Sanadni waliigaltichaas duula Ashaaraa Magariisaa fi sagantaalee biroon Itiyoophiyaatti gaggeeffaman misoomaa waaraa fi nageenya anniisaan Xaaliyaanii waliin walta’iinsaan hojjechuuf daandii kan saquudha jedhameera.

Walta’iinsichis kunuunsa qabeenya uumamaa, pirojektoota humna haareffamaa, balfa dhabamsiisuu fi jijjiirama qabeenya qilleensa dandamachuu dabalatee dameewwan biroo akka hammatu ibsamera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.