Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Ajajichaa qaamolee nageenyaa Godina Gujii Bahaa fi Boorana Bahaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon Ajaja Kibbaa qaamolee nageenyaa Godina Gujii Bahaa fi Boorana Bahaa waliin haala waqtaawarratti mari’ataniiru.

Farreen nageenyaa godinicha keessa socho’anirratti tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fi Qaamoleen nageenya qindoominaan fudhataniin godinaalee kanneenitti tasgabbiin argamaa jiraachuu Itti Aanaa Ajajaan Ajaja Kibbaa Meejar Jeneraal Admaasuu Alamuun ibsaniiru.

Miseensota Shanee godinicha keessa socho’an hedduurratti tarkaanfiin fudhatamuu mirkaneessaniiru.

Namoonni dhuunfaan qaamolee kanneeniif tumsa taasiisaa turan hirmaannaa ummaatan harka kennaa jiraachuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Gandoonni hidhattoota kanneeniin qabamani turan tarkaanfii fudhatameen bilisa ba’uu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa Godina Boorana Bahaa Obbo Mahaammad Nuuraa Areeroon ibsaniiru.

Kenniinsi tajaajilaa sababa rakkoo nageenyaan adda citee ture eegaluu isaa himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.