Fana: At a Speed of Life!

Dooniin Humna Galaanaa Ameerikaa Daangaa Bishaanii ishee cabsee seenuu Chaayinaan beeksiifte

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC) – Dooniin Humna Galaanaa Ameerikaa karaa seeraan alaa Daangaa bulchiinsa Bishaanii ishee cabsee seenuu Raayyaan Ittisaa Chaayinaa beeksise.

Dooniin humna galaanaa Ameerikaa karaan seeraan alaa daangaa bulchiinsa Chaayinaa Cabsee seenuu Humni Waraanaa Chaayinaa ibsa baaseen himeera.

Ameerikaan Galaana Kibba Chaayinaa shororkeessuun birmadummaa Chaayinaa sarbuun nageenya naannawichaaf sodaa ta’aa waan jirtuuf cimsinee irratti qabsoofna jedhan Dubbii Himaan humna Waraanaa Kibba Chaayinaa.

Haa ta’uutii Dooniin Humna Waraanaa Ameerikaa haala seera idil addunyaa eegeen Galaana Kibba Chaayinaatti hojii idilee hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Dooniin Ameerikaa 7ffaan guyyaa guyyaan Galaana Kibba Chaayinaatti akkaatuma dura socho’aa tureen ammas sochiirra jiraachuu Humni Galaanaa Ameerikaa ibsa baaseen himeera.

Sochiin kunis haala bilisaa fi ifa ta’een Naannawaa Indoo Paassifik eeguuf murannoo qabu kan agarsiisuudha jechuun ibsera.

Chaayinaan Galaana Kibba biyyattiin walqabatee bulchiinsichi naaf mala jechuun biyyoota ollaa hedduu waliin atakaroo keessa jiraachuu ishee ibsameera.

Chaayinaan yeroo dhiyoo as sochii Dooniwwan Filiippiinsii fi Ameerikaa naannawicha eeguuf taasiisan mormaa jiraachuu Reuters gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.