Fana: At a Speed of Life!

Beekumsa leenjiirraa argame hojiirra oolchuun jijjiirama qabatamaa fiduun murteessaa ta’uun akeekame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Hoggansi beekumsa, hubannoo fi muuxannoo leenjiirraa argatan naannawaa dhufaniitti hojiitti hiikuun jijjiirama qabatama fiduuf of qopheessuu akka qabu Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarah akeekan.

Obbo Adam, marta duree “Idaarraa gara Miindaa” jedhuun Giddugala Leenjiii Jinkaatti hoggantoota mootummaa leenji’aa jiraniif kallattii kennaniin, leenjiin walitti fufinsaan kennamaa jiru hoggansi mootummaa tokkummaa ilaalchaa, hubannoo fi beekumsaa akka qabaatu kan taasisuudha jedhan.

Jijjiirama biyyattiitti eegalame, imala badhaadhinaa milkeessuuf hoggansa dandeetti qabuu kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Leenjiin ijaarsa dandeettiis kennamaa jirus, yaadama biyyaalessaa, milkaa’inaalee hanga ammaatti galmaa’an, gufuulee adeemsa keessa mudatan akkasumas fuulduratti rakkoolee mudachuu danda’anii fi furmaata ce’umsaarratti waliigaltee uumuun galma ijoodha jedhan.

Hoggansis ergama biyyaalessaa itti kenname ga’umsaan bahachuuf beekumsa, hubannoo fi muuxannoo barbaachisu akka qabaatu taasisuun kaayyoo dabalataa ta’uu ibsaniiru.

Leenjiin haala sabdaneessummaa cimsuun kennamaa jiru walbeekumsaa fi wal amantaa uumuuf rakkoolee mudatanirratti furmaata waloo uumuuf kan dandeessisuudha jedhan.

Leenjichi tokkummaa cimaan akka jiraatu taasisuuf kan tumsuudha jedhaniiru.

Hirmaattoonni leenjichaas beekumsa, muuxannoo fi hubannaa leenjicharraa argatan hojiitti hiikuun jijjiirama qabatamaa fiduuf of qopheessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Kanaafis hoggansi barachaa fi dubbisaa akkasumas yaadota furmaataa maddisiisuun hojiilee hawaasa fayyadan hojjechuu akka qabu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.