Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turan 95 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 22, 2016 (FBC) –Lammiileen Itiyoophiyaa Taanzaaniyaatti hidhaa fi haala rakkisaa keessa turan 95 gara biyyaa deebi’aniiru.

Lammiileen kunneen addabbii hidhaa itti murtaa’ee xumuruun gara biyyaa deebi’uu isaanii ibsameera.

Taanzaaniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa fi Dhaabbanni Godaantootaa Idil Addunyaa tumsaan lammiilee kanneen gara Itiyoophiyaa deebisuu isaanii himameera.

Torbee kana qofa lammiileen yeroo addabbii isaanii xumuran 191 gara biyyaa deebi’uu ragaanTaanzaaniyaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.