Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin jijjiirama qabeenya qilleensarratti mati’atu COP 28n har’a Dubaayitti eegale

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Yaa’iin jijjiirama qabeenya qilleensarratti mati’atu COP 28n har’a Dubaayitti eegaleera.

Yaa’ichi ajandaalee garaagaraatti mari’achuun murtoo ni dabarsaan eegama.

Hoo’insi Addunyaa hanga digirii Seeliishiiyeesii 1.5 gadi ta’utti tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Hoo’insa addunyaa jiru to’achuuf hoggantoonni addaa baafachuu akka qaban waamicha .
Jijjiiramni qilleensaa qormaata dhala namaa hanga ammaatti mudatan keessaa isa olaanaa ta’uu Pireezidaantiin Biraaziil Luwiiz Inaasiyoo Luulaa Daa Siilvaan ibsaniiru.

Yaa ta’uutii hawaasni idil Addunyaa rakkicha saffisaan furuuf hojjechuu caalaa garaagarummaa bal’isuun waraanicha caalmaatti hammeessuu eeraniiru.

Hindiin misooma Aanniisaa haaromuu saffisaan babal’isuun tarkaanfii cimaa fudhachaa jiraachuu Ministirri Muummeen biyyattii Naareendiraa Moodiin dubbataniiru.

Biyyoonni jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf waadaa galan raawwaachuu akka qaban Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluuhuun Hasan waamicha dhiyeessuu New York Times gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.