Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Waraqaa ragaa galmee seera qabeessummaa hambaalee 2 UNESCO irraa fudhatte

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Waraqaa ragaa galmee seera qabeessummaa Paarkii Gaarreen Baalee fi Teessuma Lafaa Geede’oo Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniirraa fadhatte.

Paarkiin Gaarreen Baalee fi Teessumni Lafaa Geede’oo Yaa’ii 45ffaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii Saa’uud Arabiyaa magaalaa Riyaaditti gaggeeffameen Hambaalee Addunyaa ta’uun galmaa’uun kan yaadatamuudha.

Har’a ammoo Waraqaa ragaa galmee seera qabeessummaa isaa Wiirtuu UNESCO Itti Gaafatamaa Waajjira Afrikaa Dooktar Muhaammad Juumaa harkaa fudhachuu ragaan Faransaayitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.