Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Qabeenyaa Sammuu eeyyama kuma 1 fi 585 kenne

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Abbaan Taayitaa Qabeenya Sammuu Itiyoophiyaa eeyyama mallattoo daldalaa, Mirga Abbummaa, galagalchaa fi kanneen biroo walqabatan kuma 1 fi 585 kennuu ibse.

Abbaa Taayitichaatti Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Maamiltootaa Eliyaas Xurunaa FBC’f akka ibsanitti, dhaabbatichi bara baajataa kana baatiiwwan afran darban qofa dameewwan garaagaraan eeyyama kenneera.

Dameewwan eeyyame kenne keessaa mallattoo daldalaa qofa eeyyamoota kuma 1 ol kennuu ibsaniiru.

Dabalataan, dhaabbatichi eeyyamoota mirga abbummaa 16, moodeela tajaajilaaf eeyyamoota 102 kennuu himaniiru.

Gama biraatiin dizaayinii indaastiriif eeyyamooya 65 yoo kennu mirgaa galagalchaa fi kanaan walqabataaniif eeyyamoonni 374 kennamuu dubbatan.

Gama biraatiin mirga bu’aalee kalaqaa irratti beekaas ta’e utuu hinbeekiin sarbamni mirgaa akka hinmudanneef ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.