Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Arsii Aanaa Doddotaatti Qamadii Bonaa facaase

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Arsii Aanaa Doddotaatti Qamadii Jallisii Bonaa facaaseera.

Hojiin qophii lafaafi facaasaa godinaalee hunda keessatti haala gaariirra jiraachuufi hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 1.8 qopheessuun hektaarri miiliyoonni 1.2 faca’uu Obbo Geetuun himaniiru.

Akka Godina Arsiitti Jallisi Bonaan Lafa hektaara kuma 230 irratti Qamadii misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 50 qophaa’uun kumni 30 immoo faca’uu Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadir eeraniiru.

Godina Arsii Aanaa Doddotaatti Qamadiin lafa hektaara kuma 25 fi 140 irratti misoomaa jiraachuu ragaab BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.