Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya albuudaarra Fayyadamummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira-Inj. Habtaamuu Taganyi

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Qabeenya albuudaarraa Fayyadamummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf manni maree albuudaa hundeeffamuun hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi dubbatan.

Argisiisa Albuudaa Biyyaalessaa 2ffaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kaleessa eegalchiisan har’as itti fufee gaggeeffamaa jira.

Argisiisicharratti Injiinar Habtaamuu Taganyi qabeenya albuudaa Itiyoophiyaa fi invastimantii damichaa ilaalchisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ataniiru.

Biyyattiin yeroo ammaa qabeenya albuudaa umamaan badhaate sirnaan misoomsanii faayidaa barbaadamuuf oolchuuf hojiilee hedduun kan hafan ta’uu ibsan.

Damichi guddina diinagdee biyyattiif bu’uuraa kan kaa’u ta’us yeroo darbanitti xiyyeeffannaa olaanaan utuu hinkennamiin turuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa qabdu adda baasuun dandeettii bulchuuf gargaaru ijaaruuf gufuuleen jiraachuu eeraniiru.

Qabeenya albuudaa faayidarra oolchuuf invastimantii olaanaa fi yeroo dheeraa kan gaafatu ta’uun guddina damichaarraatti dhiibbaa fiduu himan.

Kanaafis abbootiin qabeenyaa waloon invastimanti damichaarratti haala bobba’uu danda’an mijeessuu akka qaban, mootummaanis deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu akeekuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.