Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni Seenaa Aadde Tsahaay Tolasaa madaalli obsaa fi gootummaa kan argisiisuudha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Kitaabni Seenaa Imaammaa Tsahaay amantaa cimaa qormaataan hinmo’amnee, madaala obsaa fi gootummaa kan argisiisudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, kitaabilee seenaa nama dhuunfaa yoo dubbifnu, bu’aa ba’ii jireenya keessa darbanii fi injifannoowwan milkeessan seenessuun kan baratame ta’uu eeran.

Ta’us, Kitaabni “ Be’itoonuu Isaat Wusxi” jedhu imala jireenyaa Aadde Tsahaay Tolasaa (Haadha Warraa Luba Guddinaa Tumsaa) seenessu, qormaata hindhaabbanne, amantaa cimaa qormaataan hinmo’amne, madaallii obsaa fi gootummaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.

Ijoollummaan qoramuu, gaa’ilaan qoramuu, sirnaan qoramuu, jireenyaa isaanii lafarraa guutummaa qormaataan kan dabarsan haadhaa jaboo ta’anillee obsaa fi amantaan injifataniiru jedhan.

Kitaaba kana dhaloonni dubbisu waan hedduu akka irraa fayyadama ta’us ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.