Fana: At a Speed of Life!

Manni maricha jila Kooriyaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa jila Kooriyaa waliin hojiilee garaa fulaaduratti waloon hojjechuun danda’amurratti marii taasiseera.

Jilli Kooriyaa garee Balii Hee’iisi’ookin durfamuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministir Deetaa gargaraa Waamamaa Mootummaa gargaraa Piroofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo waliin mari’ateera.

Rakkoolee akka biyyaatti mudatan ga’umsaan furuuf dandeettii miseensoota Mana maricha cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Miseensonni koree dhaabbii imala misoomaa fi guddinaa Kooriyaan sadarkaa qaroomina amma irra jirtu irra gahuuf keessa darbite irratti muuxannoo haala waljijjiiruun danda’amurratti mari’atamuu ragaan MMBBU irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.