Fana: At a Speed of Life!

Inistitiyuutichi Magaalota 700 oliif pilaanii qopheessee kennuu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa magaalota naannichaa 704’f pilaanii qopheesse kennuu beeksiseera.

Daayrektarri Itti Aanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Taarraqanyi Abduljabbaar akka jedhanitti, Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa magaalota naannichaa akkaataa ammayyaawaa ta’een akka guddataniif hojjechaa jira.

Karooraa kana galmaan ga’uufis qorannoowwan sadarkaa magaalotaa kan gaggeessuu ta’uu ibsaniiru.

Inistiitiyuutichi bu’aa qorannoo magaalota Baha Oromiyaatti gaggeesse bakka qondaaltonni bulchiinsa Godina Harargee Bahaa fi Magaalaa Maayaa argamanitti dhiyeesseera.

Waltajjichi itti fayyadama pilaanii magaalotaa Oromiyaa bu’aa qabeessaa, gumaachaa guddina diinagdeef qaburratti xiyyeeffachuun mariin gaggeeffameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.