Fana: At a Speed of Life!

Dirre Dhawaatti Weerara Dhibee Busaa fi Dangii Ittisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) – Magaalaa Dirre Dhawaatti Weerara Dhibee Busaa fi Dangii mudate ittisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa bulchiinsa magaalichaa ibseera.

Dhibeen Busaa fi Dangii bara kana bifa addaan babal’achuun hawaasa miidhaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Fayyaa magaalichaa Aadde Tsiggeredaa Kifleen ibsaniiru.

Dhibeewwan kanneen ittisuuf haala qindoomina qabuun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hawaasni naannoo isaa qulqulleessuu akka qabuu fi wayita miirri dhukkubbii irratti mul’ate saffisan gara mana yaalaa deemuun akka yaalaman waamicha dhiyeessaniiru.

Weeraricha ittisuuf koreen Kantiibaa magaalichaan durfamu hundaa’uun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Aadde Tsiggeredaan ibsaniiru.

Iddoolee walhormaata dhibichaatti biiffaan Keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuus dubbataniiru.

Weeraricha waaraan ittisuuf qorannoo fi qo’annoon taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhibeen kun iddoolee birootti akka hin babal’anneef dhaabbilee Federaalaa fi naannolee waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.