Fana: At a Speed of Life!

Baruumsi bu’uura ijaarsa dhalootaati! – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti barattoota qormaata biyyalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii olaanaa galmeessaniif beekkamtiin kennameera.

Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee Hoggantoonnii olaanoo Bulchiinsa magaalichaa fi maatiin barattootaa saganticharratti argamuu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa barattoota Saayinsii uumamaan qabxii 600 fi isaa ol galmeessissan 97 fi saayiinsi hawaasaan qabxii 450 ol galmessisan 66 akkasumas qaama miidhaamtoota 6‘f badhaasaa fi beekkamtii kenneera.

Sirni beekkamtii kennuu kun Manneen barnootaa raawwii gaarii galmeessisaaniifis kennamuu eerameera.

Baruumsi qaama hojii ijaarsa dhalootaa waan ta’eef xiyyeeffannoo olanaanaan manneen barnootaa maaddii beekumsaa taasisuun firii caalmaa galmeessuun cimee itti fufa jedhan.

Hanqina damee Barnootaan mul’atu fuuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Qabxii barattoonni kunneen galmeessan kan jajjabeeffamuu ta’uu eeruun, kanaafis qaamolee deeggarsa taasiisan galatteeffataniiru.

Hoggannaan Biiroo Barnoota Magaalichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuun gamaasaaniin,barattoonni caalmaatti cimanii hojjechuun bu’aa qabessaa akka ta’an amantaa qabaachuu dubbataniiru.

Saamu’eel Warqayyotu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.