Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi gareen BRICS dhimma waraana Isiraa’eelii fi Hamaasirratti marii gaggeessuufi

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoonni miseensa BRICS dhimma waraana Isiraa’eelii fi Hamaasirratti marii gaggeessuuf ta’uu ibsame.

Qaamoleen lamaan dhimma waraana Israa’eliifi Haamaas irratti mari’achuun murtee dabarsuuf karoorfachuun gabaafameera.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii Antooniyoo Guutareezii fi Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dabalatee hoggantoonni biyyootta miseensa BRICS maricharratti kan argaman ta’uu eerameera.

Dura taa’aan BRICS fi Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan marii Interneetiin gaggeeffamu kana kan dursan ta’uu eerameera.

Dabalataan biyyoonni Baatii Amajjii keessa miseensa BRICS ta’uuf jiran marii kanarratti ni hirmaatuun eegama.

Haala deeggarsa namoomaa fi gaaga’ama Gaazaarra qaqqabaa jiru ilaalchisee marii gaggeessuun ibsa waloon ni kennuun eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.