Fana: At a Speed of Life!

Duulli kunuunsa biqiltuu Ashaaraa magariisaa godinaalee garaagaraatti eegalame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Duulli kunuunsa biqiltuu Ashaaraa magariisaa godinaalee Oromiyaa garaagaraatti eegalameera.

Jilli Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti kunuunsa Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa jalqabsiiseera.

Kunuunsa biqiltuu Ashaaraa magariisaa Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Beddeelleetti gaggeeffameera.

Hojiin kunuunsa biqiltuu Ashaaraa Magariisaa kun Godina Godina Arsii Lixaatti eegalameera.

Godina Arsii Lixaatti biqiltuuwwan ganna darbe dhaabatan kunuunsuuf hojiitti galamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaan ibsaniiru.

Ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan miiliyoonni 252 ol dhaabbatan duulaan kunuunsuun eegalamuu himaniiru.

Biqilaa Tufaa fi BQOtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.