Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Guyyaan kunuunsa biqiltuu labsame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)-Borurraa eegalee hojiin kunuunsaa biqiltuu Ashaaraa Magariisaan dhaabamee kunuunsuu labsamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, hanga Onkololeessa 30, 2016’tti biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabame biiliyoona 4.3 (%94) hawaasa hirmaachisuun marsaa jalqabaan kunuunsi taasifamuu ibsaniiru.

Guyya Boruu Sadaasa 11, 2016 irraa eegalees qamolee hunda biqiltuu Ganna darbe dhaabaman duulaan akka kunuunsa taasisan Obbo Geetuun waamicha dhiyeessuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa kana gaggeeffamuuf Biqiiltuu biliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfamee, hanga ammaatti biqiltuun miiliyoona 293 ol qophaa’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.