Fana: At a Speed of Life!

Mariin Dooktar Abiy Chaansilara Jarman Olaaf Shoolzi waliin taasisan hariiroo ture daran kan cimseedha jedhame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)- Mariin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Chaansilara Jarman Olaaf Shoolzi waliin taasisan hariiroo Itiyoophiyaa fi Jarmaan gidduu jiru kan itti fusiise ta’uun ibsame.

Dooktar Abiy Chaansilara Jarman Olaaf Shoolzi waliin marii taasisaniin ilaalchisuun Ambaasaddar Taayyee Atsqasillaaseen ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniinis, dureewwan lameen dhimmoota gamlamee, naannawaa fi idil addunyaarratti mari’achuu eeran
Marii gamlameen, Itiyoophiyaa fi Jarman gidduu hariiroo walta’iinsaa gaarii jiru daran guddisuu haala dandeessisurratti mari’ataniiru jedhan.

Filmaatawwan Jarman Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti boba’uuf dandeessurratti mari’achuus kaasanii, keessumaa dhiyeessii anniisaa fi xaa’oorratti haala bobba’uun danda’murratti mari’ataniiru.

Gama daldalaanis, hariiroon Itiyoophiyaa fi Jarmanii bal’aa ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan Buna, Ilillii, bu’aalee huccuuwwanii gara Jarmanitti kan ergitu ta’uu ibsaniiru.

Jarmanis gama isheen maashinariiwwan, keemikaalota galteewwan indaastirii fi bu’aalee keemikaalaa gara Itiyoophiyaatti kan ergitu ta’uu himan.

Dabalataan, diinagdeen walqabatee fooyyessa idaa haala taasisuun danda’amurratti mari’achuu kaasaniiru.

Akkasumas, Itiyoophiyaatti kanaan dura walitti bu’iinsa keessoo mudatee furuuf adeemsa deemamee fi sadarkaa irra jirurratti Dooktar Abiy Ahimad Chaansilara Jarmaniif ibsa taasisaniiru.

Dhimmota naannawaarrattis marii taasisaniin, rakkoo Sudaan furuuf gahee Itiyoophiyaan bahachuu dandeessurratti Dooktar Abiy ibsa taasisuu himaniiru.

Mariin dureewwanii kun, hariiroo Itiyoophiyaa fi Jarman gidduu ture kan itti fufsiise ta’uu Ambaasaaddar Taayyeen dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.