Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Itiyoophiyaa fi Kuubaa dhiigaan kan walitti hidhameedha Pireezidaantii Ittaanaa Kuubaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Daawwanaa hojiif Itiyoophiyaa kan jiran Pireezidaantiin Ittaanaa Kuubaa Saalvaadoor Antooniyoo Vaaldeez Addabaabaayii Michummaa Itiyoo-Kuubaatti ilillii kaa’aniiru.

Wayita Ilillii kaa’anittis haasawaa taasisaniin, hariiroon Itiyoophiyaa fi Kuubaa seenaa qabeessaa fi dhiigaan kan walitti hidhameedha jedhan.

Hariiroo biyyoota lameenii erga eegalee kaasee yeroo yeroon dameewwan garaagaraan cimaa dhufuu yaadachiisaniiru.

Sirnicharratti Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinee Obbo Jaanxiraar Abbaay fi Lammiileen Itiyoophiyaa Kuubaatti baratan argamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaa Finfinneetti Siidaan Addabaabaayii Itiyoo-Kuubaatti argamu kabaja loltoota Kuubaa birmadummaa Itiyoophiyaaf utuu lolanii wareegamaniif kan dhaabbate ta’uun ni beekama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.