Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee Iluu Abbaa Boorii fi Jimmaatti hojiileen misoomaa daawwataman

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Hoggantootni Mootummaa naannolee garagaraa magaalaa Mattuu fi Jimmaatti leenjii fudhachaa jiran daawwanaa muuxannoo waljijjiirraa hojilee misoomaa garagaraa taasisaniiru.

Haaluma kanaan, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Aalleetti kilaastera Dammaa, misooma Baala Shaayee daawwaataniiru.

Kana malees, Aanaa Algee Saachiitti hojiin invastimantii bunaa daawwatameera.

Daawwannicharratti Qindeessaan Leenjii Kilaastaraa Mattuu Obbo Kaafiyaalew Ayyaanaa imala Badhaadhina milkeessuuf eegalame keessatti qonnaan bultoonni fi waldaaleen hojiileen hojjechaa jiran milkaa’ina imalichaaf argisiistuudha jedhan.

Hirmaattooni daawwanichaas muuxanno godinichatti argatan naannawaa dhufanitti wayita deebian ummata hubachiisuu fi qabeenya jirutti sirnaan fayyadamuun jijjiirama fiduuf kutannoon kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Gama biraatiin hoggantoonni mootummaa giddugala leenjii Jimmaa marsaa 3ffaa fudhata jiran Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti Giddugala Raammoo kompoostii fi inisheetiivii misooma Muuzii sanyii fooyya’aa daawwataniiru.

Daawwattoonis carraalee misoomaa qabnu hundatti qixaan fayyadamuun yoo hojjanne yeroo gabaabaa keessatti badhaadhina biyyaa dhugoomsuun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu himaniiru.

Muuxannoowwan daawwannaa kanaan argatan gara naannoo isaaniitti babal’isuudhaan hojii bu’a qabeessa hojjachuudhaaf xiiqeffachuu ibsu ragaan komikeeshinii godinaaleerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.