Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen 78 Beeruutirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Beeruutitti deeggarsa Wajjira Qonsilaa Jeneraalaa Itiyoophiyaan gara biyyaatti akka deebi’aniif haala mijateen lammiileen 78 gara biyyaatti deebi’uun ibsameera.

Sababa garaagaraan eeyyama biyyattii jiraachuu utuu hinqabaatin waggoota dheeraaf Liibaanosiin jiraachaa kan turan lammiilee Itiyoophiyaa sanada hinqabne bu’uuraa gaaffii isaaniini mootummaan biyyattii Waxabajjii 2015 akka gara biyyatti deebi’aniif galmeessuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan lammiilee galmaa’an 365 keessaa lammiilee 315’f kan eeyyamamee yoo ta’u lammiilee 268 ammoo viisaan ba’iinsaa akka kennameef eerameera.

Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa walta’uunis sagantaa balalii sadiin lammiileen kunneen gara biyyaatti akka deebi’an haalli mijeeffamuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.