Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana 1ffaa darbe keessa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaaf Birriin miiliyoonni 383 ol walitti qabame

Fi.nfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Kurmaana 1ffaa darbe keessa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaaf Birriin miiliyoonni 383 ol walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa beeksise.

Daayreektarri miidiyaafi kominikeeshinii waajjirichaa obbo Hayiluu Abrahaam, bara bajataa kanatti Birrii biiliyoona 1fi miiliyoona 500 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis ijaarsichaaf birriin miiliyoonni 383 ol walitti qabamuu himaniiru.

Gurgurtaa boondii fi kennaarraa Birriin miiliyoona 273 fi miil 73 ol, gurgurtaa boondii diyaaspooraafi kennaa irraa birriin miiliyoonni 4 ol argameera jedhan.

Tajaajila ergaa gabaabaa barreeffama Moobayilaa 8100 irraa birriin miiliyoonni 33 fi kumn 802 argamuus himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.