Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa Karra Galaanaa mirkaneessuuf muuxannoo idil addunyaa sakatta’uun barbaachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Fayyadamummaa buufata doonii fi karraa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf muuxannoowwan idil addunyaa sakatta’uun barbaachisaa ta’uu Gorsaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Ibirahiim Idiriis akeekan.

Qopheessummaa Yuunivarsiistii Finfinneen, mata duree “Itti Fayyadama Buufata Doonii Misoomaa fi Nageenya Waaraa Gaanfa Afrikaaf” jedhuun waltajjiin marii hayyootaa gaggeeffameera.

Gorsaan Ministira Dhimma Alaa fi Miseensi Garee Mariisistootaa Gamsadee Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Ibiraahiim Idiriis, barreeffama marii hiika gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa gama dippiloomaasii fi seera idil addunyaan qabaatu dhiyeessaniiru.

Gaaffiin fayyadama karra galaanaa Itiyoophiyaa bu’uura seenaa dheeraa akka qabu kan kaasan Ambaasaaddar Ibiraahiim, fedhiin Itiyoophiyaa karraa galaanaa fi buufata doonii birmadummaa biyyootaa kabajuun qajeeltoo kennanii fudhachuu ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Fedhiin biyyattiis seera idil addunyaa kan bu’uureffate ta’uu eeranii, kanaafis seerri galaanaa Akka Lakkoofsa Awurooppaa bara 1982 raggaasifame argisiistuu ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan,muuxannoo idil addunyaan, biyyoota karra galaanaa hinqabne boodarra gaaffii karra galaanaan fayyadamummaa isaanii mirkaneeffatan ilaaluu akka qabdu hubachiisaniiru.

Gamtaan Afrikaas, Itiyoophiyaa dabalatee gaaffiin fayyadamummaa karra galaanaa biyyoonni Afrikaa karra galaanaa hinqabne kaasan deebii akka argataniif gahee gama isaa akka bahatuu fi dhaabbileen naannawichaa dhimmichaaf xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban akeekaniiru.

Fedhii karraa galaanaa Itiyoophyaa ilaalchisee dhaabbileen barnoota olaanoo akka Yuunivarsiitii Finfinnee waltajjiiwwan marii garaagaraa qopheessuun yaada galtee saayinsaawaa maddisiisuu akka qaban dubbachuu TOI gabaaseera.

Hayyoonni biyyoota naannawichas marii dippiloomaasummaa mootummootaaf bu’uura kan kaa’an mariiwwan walitti fufiinsa qabaniin filmaatawwan furmaataa akka akeekanis gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.