Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa meeshaaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 3.6 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Kurmaana 1ffaa darbe keessaa meeshaaleen kontiroobaandii fi Maallaqoonni garaagaraa Birrii biiliyoona 3.6 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii biiliyoona 2.6 baasuu fi gara alaatti ba’uuf ture Birrii biiliyoona 1 baasuu to’atamuu ibseera.

Meeshaaleen Elektirooniksii Birrii miiliyoona 365, Baalli Sammuu namaa hadoochu Birrii miiliyoona 392 fi uffataaleen Birrii miiliyoona 321 baasaan kurmaana 1ffaa keessaa to’atamuu himeera.

Dhimmichaan walqabatee namoonni shakkaman 258 to’annoo seeraa jala ooluu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.