Fana: At a Speed of Life!

Sirna Barnootaa cimsuuf carraaqqii olaanaa gaafata jedhan MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Sirna Barnootaa cimsuun carraaqqii olaanaa akka gaafatu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimas ibsan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa bara hojii 3ffaa gaggeessaa jiruun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffilee miseensotarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.

Damee barnootaarraa gaaffile ka’aniif deebii kennaniin cabiinsa waggoottan 30’n darban sirna barnootaarratti cabiinsa damichaa hedduu mul’atan sirreessuuf mootummaan sirna fooyya’iinsaa diriirsuun gara hojiitti seenuu ibsaniiru.

Sirna barnootaa fooyyessuuf dadhaabbii fi tattaaffii olaanaa kan gaafatu ta’uu eeruun, kanaafis ijaarsa dandeettii barsiisotaa gaggessuu fi sirna bulchiinsa barnootaa fooyyeesuu akka barbaachisu himaniiru.

Sagantaan nyaata barattootaa eegalamuun, bu’uuraalee misooma barnoota babal’isuu fi sirna qormaataa fooyyessuunis akka barbaachisu himaniiru.

Bu’uurarratti yoo hinhojjetamne sadarkaa olaanaatti invastimantii gaggeeffamu bu’aa qabeessaa akka hintaasifne eeraniiru.

Cabiinsa sirna barnootaa keessaa sirreessuun yoo hindanda’amne jireenyi dhaloota ittaanuu qormaata keessatti akka kufuu waan taasisuuf, sirni barnootaa fooyya’aan akka jiraatuuf walta’iinsaan hojjechuu qaban jedhaniiru.

Damee fayyaanis akka kaasanitti, weerarri Koleeraas ta’ee Busaa Itiyoophiyaattis ta’e biyyoota muraasatti ka’uu himanii, sababni kanaas jijjiirama qabeenya qilleensaa akka ta’e ibsaniiru.

Weerarri akkanaa karoorfamanii kan mudatan waan hintaaneef miidhaa geessisuun isaanii waan hinoolle ta’us, rakkocha furuuf hojiilee bal’aan hojjetamaniiru jedhan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.