Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa bara darbe eegalee Yuukireeniif deeggarsa Yuuroo biiliyoona 27 taasisuun gabaafame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)-Gamtaan Awurooppa bara darbeerraa eegalee Yuukireeniif deeggarsa loltummaa Yuuroo biiliyoona 27 taasisu Hoggaanaan Dhimma Alaa fi Nageenyaa Gamtichaa Jooseef Booreel ibsan.

Booreel ibsa Beeljiyeem Biraaseelsitti kennaniin, biyyoonni miseensa gamtichaa bara darbee irraa eegalee Kiyeeviif kallattiin ala deeggarsa loltummaa taasisu ibsaniiru.

Giddugaleessaa Bahaatti walitti bu’iinsi haaraan eegalus biyyoonni kunneen deeggarsa Kiyeeviif taasifame “hinirranfatan” jedhaniiru.

Deeggarsi Yuukireeniif taasifamu dabalaa jira kan jedhan Jooseef Booreel, hanga ammaatti deeggarsi Yuukireeniif taasifame Yuuroo Biiliyoona 27 qaqqabuu eeraniiru.

Lakkoofsi kun olaanaa ta’uu ibsuun, Booreel loltoota Yuukireen Leenjisuu fi Yuukireen cinaa dhabbachuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Gamtaan Awurooppaa Yuukireeniif deeggarsa loltumma dabalataa taasisuu akkataa danda’urratti marii gaggeessuuf karoorfachuu RT’n gabaaseera.

Biyyoonni tokko tokko deeggarsi loltummaa Yuukireeniif taasifamuu dhabbachuu qaba ejjennoo jedhu agarsiisaa jiraachuunis eerameera.

Jarmaan, Isloovaakiyaa fi Faraansaay hojiiraa oolmaa deeggarsa dabalataa Yuukireen irratti gaaffii kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.