Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan dhufan Idaa Itiyoophiyaa %10 gadi akka ta’u eegama-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Waggoottan muraasa dhufan idaan Itiyoophiyaa %10 gadi akka ta’u eegama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf taasisaniin, dameen faayinaansiin dhaabbileen tajaajila faayinaansii 100 ol akka jiran himaniiru.

Baankiiwwan daldalaa 31, dhaabbileen maayikiroo faayinaansii 49, dhaabbilee tajaajila kaffaltii 6, dhaabbilee galii meeshalee kaappitaalaa 6, dhaabbileen tajaajila ‘mobaayil waaleeti’ kennan 6 akka jiran himan.

Akkuma dhaabbilen faayinaansii babal’aachaa deemaniin dandeettiin to’annoo mootummaas dabalaa deemuu waan gaafatuuf hojiiwwan riifoormii garaagaraa Baankii Biyyaalessarratti taasifamuu kaasaniiru.

Seektarri faayinaansii waggoottaan shanan daraban giddugaleessaan %20 guddachaa dhufaniiru jedhan.

Gama tajaajila liqiin hammii liqii sadarklaa olaanaan guddachuu eeranii, bara darbee Birrii biiliyoona 547 liqiif ooluu yaadachisanii, kana keessa %86 damee dhuunfaaf kan kennameedha.

Kana keessaa Qonnaan bultootaaf kan dhiyaatee %15 guddina argisiisera.

Ta’us, qusannaan guddina argisiisuu eeranii ammas tiriliyoona 2.6 ga’uuf karoorfamuu dubbataniiru.

Idaan waliigalaa Itiyoophiyaa kan biyya keessaa dabalatee %31tti kan dhiyaatuu fi kan biyya alaa ammoo %14.8 guddateera.

Waggoottaan muraasa dhufanis %10 gadii akka ta’u eegama jedhaniiru.

Daldala bunaan walqabatees ibsa kennaniin, damichi sirna daldalaa ga’umsa qabuu ta’uu fi tilmaama gatiif kan hinrakkifneedha jedhan.

Rakkoon jirus qaamolee fuuncaan daldalaa damichaa to’ataniin kan uumamu ta’uu kaasaniiru.

Kana furuuf tarkaanfiilee fudhatamaniin qonnaan bultoonni waldaan gurmaa’anii alatti erguu akka danda’an taasifamu kaasaniiru.

Kunis qonnan bultoonni galii olaanaa akka argataan taasisuu dubbatanii, adeemsi kun akka hinbadnee hunduu hojjechuu akka gaafatu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.