Fana: At a Speed of Life!

Gaaffii karra galaanaa kaasuun keenya akka safuutti ilaalamuu hinqabu-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Gaaffii karra galaanaa qabaachuu kaasuun keenyaa safuutti ilaalamuu hinqabu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gaaffii karraa galaanaa qabaachuu Itiyoophiyaa ilaalchisuun gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateef deebii kennaniin, dhimma buufata doonii qabaachuu akka gaaffii haaraatti kan ilaalan jiraachuu eeran.

Kanneen egeree biyyoota biraa miidhuuf fakkeessannii hasaa’aa jiran himanii, Itiyoophiyaan enyuuniyyuu weeraruuf fedhii hinqabdu jedhan.

Ityoophiyaan gaaffii seeraan alaa yookan sababa hinqabne kan dhiyeessite akka hintaane ibsuun, egeree biyyoota ollatti bu’uu kan hinbarbadne, garuu, gaaffii seera daldalaa hordofee mari’achuuf fedhii qabaachuu akeekaniiru.

Lakkoofsi ummata Itiyoophiyaa dabalaa jiraachuun walqabatee dhimmichi osoo yeroo hinfudhatin furmaata argachuu akka qabu amantaa qaban ibsanii, beellii fi rakkoon osoo hindhufin mari’achuun furmaata seera qabeessaa argachuu qaba gaaffii jedhu kaasuun keenyaa akka safuutti laalamuu hinqabu jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.