Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana Maree Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffilee dhiyyeessaan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)-Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaan bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeessa jira.

Miseensonni Mana Marichaas Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffii dhiyyeessaa jiru.

Gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa Dhiyaatan Keessaa Muraasa:-

* Labsiin yeroo ariifachiisaa ergaa labsamee Naannoo Amaaraatti jijjiiramni qabatamaan dhufan maal fa’ii?

* Hojiin walitti bu’iinsa dursanii ittisuu haalaa yeroo darbaniirraa qophii fooyya’aan taasifame maali?

* Humnoonni alaa ifatti hojiilee ololaa hojjechaa jiraachuun ni beekama. Kanaaf mootummaan humnoonni alaa gochaa isaaniirraa akka dhaabbataniif maal hojjechaa jira?

* Pirojektoota haaraa ijaaramanitti dabalataan gaaffilee hawaasaa bal’aa bu’uuraalee misoomaa hinxumuramiin jiraniirratti kallattii mootummaa irratti ibsi utuu kennamee?

* Fedhii itti fayyadama karra galaanaarratti ibsi bal’aan utuu kennamee?

* Akka biyyatti seenessii hundaa tokkummeessuu ijaaruuf, mootummaa fudhatama qabu gama ijaaruutiin, hojiileen mootummaa hojjetamaa jiran maal fa’ii? Lammiilee Itiyoophiyaarraa maaltu eegama?

* Riifoormii siviilsarvisiin, tajaajila fooyya’aa kennuun itti quufiinsa ummataa mirkaneessuuf maaltu hojjetamaa jira? Qabsoo farraa malaammaltummaa fi hojmaata badaarratti mootummaan maal hojjechaa jira?

* Adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaa gaariirraa jiraatus, mootummaan milkaa’ina marichaaf hangam kutannoo qaba? Hawaasarraa maaltu eegama?

* Waliigalteen Piritooriyaa hojiirraa oolchuun sadarkaa maaliirra jira? Irra deebiin walitti bu’iinsi akka hinmudanne maaltu hojjetamaa jira? Naannoo Tigraayitti filannoo seeraa qabeessa gaggeessuuf qophiin maaltu taasifamaa jira?

* Rakkoo sharafaa alaa furuuf maaltu hojjetamaa jira?

* Mootummaan qaala’iinsa jireenyaa gaaffii yeroo itiyoophiyaa ta’uu hubachuun hojiilee hojjetamaa jiranirratti ibsi utuu kenname?

* Burjaajii sanadootaa teeknooloojii fayyadamuun balaa hordofuu malan hambisuuf maaltu yaadame?

* Biyyaalessummaa jechuun maal jechuudha?

* Humnoonni hidhaatanii socho’anii fi seeraan ala gurmaa’an lammiileerraan miidhaa geessisaa jiru. Nageenyaa lammiilee eegsisuuf, qaamolee gurmaa’an to’annoo seeraa jala oolchuuf maaltu hojjetamaa jira?

*Qulqullina barnootaa mirkaneessuun qabxii barattootaa fooyyeessuuf maaltu hojjetamu qaba? Carraan barattootaa qabxii hingalmeessinee maal ta’a?

* Haala yeroo darbaniirra haala fooyya’aan galteewwan qonnaa yeroon, qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuuf hojiilee gama mootummaan hojjetamaa jiran maal?

* Sirna daldala oomisha Bunaarratti seeraa alummaa mul’atu qajeelchuuf tarkaanfiin gama mootummaan fudhatamaa jiran maal?

* Sirna paartilee hedduu ijaaruuf karoorri mootummaa maali?

* Weerarri dhibee busaa fi koleeraa mul’achaa jira. Weerara dhibee ka’ee hawaasaa hirmaachisuun hojiileen ittisaa hojjetaman sadarkaa maaliirra jiru?

* Weerara ka’ee akka carratti fayyadamuun qaamolee qaala’iinsa qorichaa uumanirratti tarkaanfiin fudhataman maal?

* Carraa hojii uumuuf mootummaan gahee gama isaa bahachuuf maaltu hojjetamaa jira?

* Maqaa ummataan ummata tajaajilaan aangoo qabatanii hoggantoota hojiin isaanii kan biraa ta’erratti tarkaanfii fudhachuuf kutannoon jiru maal fakkata?

* Nageenya saayibarii biyyattii eegsisuuf qopha’ummaan jiru maal fakkaata?

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.