Fana: At a Speed of Life!

Roobni waqtii isaa hin eegne roobuu waandanda’uuf oomishni saffisaan walitti akka qabamu hubachiifame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Roobni waqtii isaa hin eegne roobuu waandanda’uuf oomishni saffisaan walitti akka qabu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Akeekkachiise.

Guyyoota kurnaan itti aanaan keessa kutaalee giddu galeessaa, Bahaa fi Kaaba Lixaa biyyattiitti Roobni waqtii isaa hin eegne jiraachuu akka malu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksiseera.

Kutaaleen Kibbaa fi Kibba Bahaa Rooba salphaa hanga giddu galeessaa kan argatan ta’uu himeera.

Dabalataan Kutaaleen giddu galeessaa, Bahaa fi Kaabni Lixaa Rooba salphaa hanga cimaa waqtii isaa hin eegne ni qaabatu jedheera.

Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen Waggaa hundi, Jimmaa, Buunnoo Beddellee, Godinaaleen Gujii fi Arsii hundi, Harargee Bahaa fi Lixaa, Booranaa dabalatee godinaaleen naannoo Amaaraa Goojjam, Goondar, Awwii, naannoon Buunishaanguul Gumuz, Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Somaalee, Hararii fi Dirre Dhawaan Idilee fi Idileen olii kan argatan ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.