Fana: At a Speed of Life!

Deeviid Kaameruun Ministira Dhimma Alaa Ingiliiz ta’uun mudaman

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee duraanii Ingiliiz Deeviid Kaameruun Ministira Ministeera Dhimma Alaa biyyattii ta’uun mudamaniiru.

Ministirri Muummee Ingiliiz Riishii Suunaak mudama kaabinootaa gaggeessaniiru.

Haaluma kanaan Ministira Biyya keessaa kan turan Suuweelii Bireevaarmaan aangorraa kaasaniiru.

Ministira Dhimma Alaa kan turan Jeemsi Kileevarliin aangorraa kaasuun bakka isaanii Deeviid Kaameeruun muuduu isaanii BBCn gabaaseera.

Deeviid Kaameeruun waggoota 6 booda gara aangotti deebi’uu isaanii ibsameera.

Kaameeruun bara Faranjootaa 2010 – 2016tti Ministira Muummee ta’uun biyyattii tajaajiluun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.