Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti tasgabbii yeroo ammaa argame itichuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraatti tasgabbii yeroo ammaa argame itichuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Ajajaan Ajaja Kaaba Lixaa fi Walitti qabaan Komaandi Poostii Leetanaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaan ibsaniiru.

Komaandi Poostichi haala waaqtaawaa nageenya naannichaa ilaalchisee hoggantoota naannoo, Godinaalee fi qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Garee finxaaleyyii fi saamtootaarratti tarkaanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu Leetanaan Jeneraal Birhaanuun ibsaniiru.

Tasgabbii yeroo ammaa naannichatti argame itichuuf qaamni hundi hojjechuu akka qaban ibsuu isaanii ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Hawaasni olola sobaa garichaarraa of qusachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Haala qabatamaa fi dhugaa jiru hubachiisuuf hawaas waliin itti fufiinsaan mariin gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.