Fana: At a Speed of Life!

Saa’ud Arabiyaan biyyoota dhiyeessii Misooma Faayinaansiin Itiyoophiyaa deeggaran keessaa tokko-Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC) –Saa’ud Arabiyaan biyyoota dhiyeessii misooma faayinaansiin Itiyoophiyaa deeggaran keessaa tokko ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen ibsan.

Obbo Ahimad Shideen jilli Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin durfame turtt Saa’ud Arabiyaatti taasise ilaalchisuun ibsa kennanniin, jillichi dhaabbilee misooma faayinaansii Saa’ud Arabiyaa garaagaraa waliin mari’achuu dubbataniiru.

Jillichi kaleessaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun Koonfiraansii Dinaagdee Saa’udii-Afrikaarrattis hirmaachuu eeruun, mootummaan Itiyoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaa hariiroo waggoottan dheeraa qabaachuu kaasan.

Biyyoonni lameen hariiroo ummataaf ummata, walitti dhiheenya qubsummaa akkasumas hariiroo aadaa fi amantaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Invastaroonni Saa’ud Arabiyaa Invastimantii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti hirmaanna taasisa jiraachuu ibsuun, biyyattiin dhiyeessii misooma faayinaansiin biyyoota Itiyoophiyaa deeggaran keessaa tokko ta’uu Obbo Ahimad kaasaniiru.

Nageenyaa fi walitti hidhaaminsa naannawaarratti walta’iinsaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun, Itiyoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaan hariiroo tumsa fi michummaa cimaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Sagantichaarrattis jilli Itiyoophiyaa sanaada waliigaltee jalqabaa damee boba’aa fi inarjiin mootumma Saa’udii wajjiin mallatteessuus ibsaniiru.

Kaayyoon waliigaltichaas Ityoophiyaaf boba’aa dhiyeessuu, teeknooloojjin, boba’aa fi fayyadamaa anniisaarratti waloon hojjechuuf akka ta’e himaniiru.

Akkasumas Ministeera Maallaqaa Saa’ud Arabiyaa waliin mariin gaggeeffamuu fi mootummaan Saa’udii damee dinaagdee gooroo Itiyoophiyaa deeggaruuf waadaa galuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.