Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee Itiyoophiyaa hubannoo namtolcheen furuuf beekumsa horachuun abdii qabeessa-Dooktar Abiy

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC) – Ijoolleen keenya rakkoolee Itiyoophiyaa hubannoo namtolcheen tumsamuun furuuf beekumsa murteessaa horachuun abdii qabeessa jedhan Ministirri Muumme FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad, Inistitiyuutii Artifiishaal intalajansiitti argamuun baatiiwwan lamaaf maalummaa teeknooloojii hubannoo namtolchee leenji’aa turuun kanneen eebbifaman daawwachuu ibsaniiru.

“Ijoolleen keenya rakkoolee Itiyoophiyaa hubannoo namtolcheen tumsamuun furuuf beekumsa murteessaa horachuun abdii qabeessa” jedhaniiru.

Dandeettiin barattoota kanneenii guddina biyyatti mirkaneessuu akka danda’u amantaa qaban gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.