Buufataalee sirna daldalaa boba’aan ala gurguranii bitanirra dhorkiin kaa’ame
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- buufataalee sirna daldalaa boba’aan ala daldalan irra dhorkiin kaa’amuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.
Sirna daldalaa dijitaalawaan ala boba’aa gurguruu fi maqaa isaaniin boba’aa fe’ameefiin ol buufataalee isaaniitti kanneen gurguran buufataalee Magaalota Finfinnee fi Shaggar 97 irra dhorkiin baatii tokkoo fi akeekkachiisni barreeffamee kennamuun eerameera.
Haaluma kanaan buufataalee boba’aa 40 ol irratti tarkaanfiin dhorkii fe’umsa boba’aa baatii tokkoo kan kaa’ame yoo ta’u, buufataalee 57 ammoo akeekkachiisni barreeffamaa akka kenname ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.
Buufataaleen dhorkiin irra kaa’ame Fulbaana 10 hanga onkololeessa 11, 2016 keessatti gabaasaa Abbaa Taayitichaaf taasisaniin boba’aa maqaa isaaniin fe’amee ol gurguruun eerameera.
Kanneen akeekkachiisni barreeffamaa kennameef ammoo boba’aa fe’ameef %50-%80 ta’u qofa sirna dijitaalaan bittaa fi gurgurtaa raawwachuun eerameera.
Daldala boba’aa seeraan alaa to’achuuf sirni daldala boba’aa dijitaalawaan Adoolessa 1, 2015 irraa eegalee Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolfuun kan yaadatamudha.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.