Mootummaan Naannoo Oromiyaa Nageenya Waaraa Buusuuf tattaaffii eegale cimsee itti fufa – Obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Nageenya Waaraa Buusuuf tattaaffii eegale cimsee kan itti fufa ta’uu beeksiise.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannichatti nageenya waaraa buusuuf tattaaffii eegale cimsee kan itti fuf ta’uu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Obbo Hayiluun raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2016 ilaalchisuun ibsa kennaniin karoorri xiiqii qabame saffisa, qulqullinaafi baay’inaan inisheetiiviiwwan bocamaniin tumsamee hojiirra olaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonna Gannaa bara 2015/2016 lafa hektaara miiliyoona 8.2 ol misoomsuuf karoorfamee lafti hektaara miiliyoona 9.4 ol irratti midhaan gosa garaa garaa misoomsuun danda’amuu kaasaniiru.
Kanarraayis callaa kuntaala miiliyoonni 265.3 ol ni eegama jedhan.
Bara kana qamadii Bonaa lafa hektaara miiliyoona 2.6 irratti misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 105.8 argachuuf karoorfamee hojiitti galamuu himaniiru.
Bara bajataa 2016 hojii tajaajila lammummaan Birrii biliyoona 102.7tti tilmaamamu raawwachuuf karoorfame keessaa kurmaana 1ffaa keessatti hojiin Birrii Biiliyoona 40 olitti tilmaamamu raawwatamuu ibsaniiru.
Bahayiluu Baanee + BKOtu gabaase.