Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa deeggarsa guddina sassaabbii galii biyya keessaaf taasisu kan itti fufuu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Baankiin Addunyaa guddina sassaabbii galii biyya keessaa Itiyoophiyaa guddisuuf tattaaffi taasifamuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Ministeerri Galiiwwanii fi Jilli Baankii Addunyaa akkataa sassaabbii galii biyya keessaa guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Ayinaalam Niguseen, sirna bulchiinsa taaksii ammayyaa ijaaruuf galma baasii biyyaalessaa galii biyya keessan uwwisuu qabame milkeessuuf gumaachi baankichaa olaanaadha.

Baankiin Addunyaa sadarkaa biyyaalessaatti tumsa taasisaa jiru keessaa tokko damee galiif deeggarsa taasisuu ta’uu Ministir Deetaan Ministeerichaa Tasfaayee Tulluun ibsaniiru.

Dhaabbatichi gama imaammataan, bu’uuralee taaksii babal’isuun, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun akkasumas teeknooloojii gama cimsuun deeggarsi akka taasifamu himamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Bakka Bu’aan Jila Baankii Addunyaa Raajuul Awaastii gama isaaniin sassaabbii galii biyya keessaa guddisuuf dandeetii teeknooloojii cimsuun lakkoofsa kaffaltoota gibiraa fedhiirratti hundaa’ee guddisuuf deeggarsa garaagaraa cimsee kan itti fufu ta’uun ibsameera.

Baankiin Addunyaa deeggarsa taasisaa jiruun dandeetii teeknooloojii cimsuu fi humna namaa ga’umsa qabu horachuun galii diinagdeerraa maddu sadarkaa fooyya’aan walitti qabuuf dandeettii kan uumu ta’uun akeekameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.