Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Tashoomaa Addunyaan Facaasaa Qamadii Jallisii Bonaa jalqabsiisan

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Jilli Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamu kutaa magaalaa Sabbataa Aanaa Meettaatti facaasaa qamadii jallisii Bonaa jalqabsiiseera.

Jilli kun hojiiwwan misoomaa kilaastara Xaafii, horsiisa Booyyee, misooma aannanii, Lukkuu, furdisa Loonii, oomisha dammaa bulchiinsa magaalaa Shaggaritti misoomaa jirus daawwataniiru.

Magaalaa Shaggaritti bara kana lafa hektaar kuma 60 irratti Qamadii jallisii Bonaan misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 1 fi 200 facaafamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Caalaa Adareen himuu ragaan Wajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.