Fana: At a Speed of Life!

Seerri akka abbootiin qabeenyaa invastimantii anniisaa haaromaarratti akka bobba’an eeyyamu qophaa’aa jira

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti hammattoon seeraa akka abbootiin qabeenyaa dhuunfaa invastimantii anniisaa haaromaa maddisiisuu fi raabsuurratti bobba’aniif eeyyamu qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichi fi “Solar Alliance” waltajjii marii, misooma annisaa aduu bal’inaan fayyidaarra oolchuurratti xiyyeeffate gaggeessaniiru.
Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Sulxaan Waalii akka ibsanitti, bara 2022 Itiyoophiyaatti humna elektirikii waliingahuuf hojjetamaa jira.

Karoorichaan fedhii humnaa %65 giriidii biyyaalessaarraa akka dhiyaatu ibsanii, %35 ammoo kuusaa humnaa bu’uuraarraa akka dhiyaatu ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaattis anniisaa aduu lafa iskuweer meetira tokko irratti sa’aatitti kiiloo waatti 5.5 maddisiisuun danda’amus, hanga ammaatti anniisaa meeggaa waattii 400 kan hincaalle ta’uu ibsaniiru.

Kunis misoomsitoonni dhuunfaa hojii invastimantii damichaarratti akka bobba’aniif hammattoon seeraa jiraachuu dhabuun sababa tokko ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.