Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dastaa Leeddaamoon Ambaasaaddara Neezarlaandi waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon jilla Ambaasaaddara Neezarlaandi Ambaasaaddar Heen Joon Abubakaariin durfamu waliin mari’ataniiru.

Obbo Dastaa Leeddaamoon, hojjilee misooomaa naannichatti gaggeeffamaa jiran, filmaatawwan invastimantii naannichaa fi deeggarsa abboottii qabeenyaa naannicha dhufaniif taasifamaa jiruurratti Ambaasaaddarichaaf ibsa laataniiru.

Mootummaan Neezarlaandi muuxannoo horsiisa beeyladootaan qabduu fi oomisha fooyya’aa beeyladootaarratti deeggarsa akka taasisuuf gaafataniiru.

Ambaasaaddar Heen Joon gamasaaniin, Mootummaan Neezaarlaandi karaa Dhaabbata Misooma Neezarlaandiin jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.