Fana: At a Speed of Life!

Sosochi “Itiyoophiyaan haa oomishtuun” hanqina sharafa alaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)-Hanqina sharafa alaa hir’isuuf sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu beeksise.

Qindeessaan Waajjirichaa Obbo Ayyaanaa Zawudeen FBC’f akka eeraniitti, indaastiriiwwan maanufaakchariingiif hanqinni sharafa alaa gufuu olaanaa ta’eera.

Rakkoo kana hambisuufis, hojii oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa ta’aa dhufuu eeraniiru.

Uffannaalee dambii qaamolee nageenyaa biyya keessatti oomishuu eegaluu dabalataan, uffannaa barattootaa Magaala Finfinnee biyyaa keessatti oomishuudhaan Doolaara miiliyoona 37 hambisuun akka danda’ame himaniiru.

Ministeeraa Indaastiriitti Daayrektarri Ittaanaa Inistitiyuutii Misooma Indaastirii Maanufaakchariingii Silahii Lammaan gama isaaniin, waggoottan darban uffannaalee alaa galaa turan biyya keessatti oomishuun akka eegalame himaniiru.

Yeroo ammaas warshaaleen maanufaakchariigii 580 ol hojiilee kanneenirratti bobba’u ibsaniiru.

Haayimaanot Wandiraaditu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.