Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen baqaquu Hidhii fi Laagaa maalii?

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) –Dhibeen baqaquu Hidhii fi Laagaa banaa hidhii irratti yookiin laagaa keessatti mul’atu, sababa rakkoo tishuun wal qabachuu dhabuun kan uumamudha.

Miidhaa inni qaqqabsiisu:-

• Daa’imni harma hodhuu dadhabuu, dhukkubbii gurraa,
dubbachuu dadhabuu, rakkoo ilkaanii fi dhiibbawwaan hawaasumma biro ni fida.

• Rakkoon baqaqa hidhii fi laagaa abaarsa waaqaatiin hin dhufu, akkuma dhukkuba kamiitti kan mudatuu fi wal’aansi yoo taasifameef kan fayyuudha.

Waantota rakkoo kanaaf nama saaxilan:

• Seenaa maatii nama rakkoo akkasii qabu

• Yerooo ulfaa tamboo, dhugaatii fi qorichoota fayyadamuu

• Dhukkuba sukkaaraa haadha qabdurraa dhalachuu

• Ulfaatina hanga eegamuun olii yeroo ulfaa mudaturraa kan dhufu ta’uun ibsameera.

Karaalee ittisaa:

• Waantota akka tamboo xuuxuu, Alkoolii dhuguu fi qorichoota Araadaa fayyadamuu dhiisuu

• Ulfaatina qaamaa hanga eegamuun olii hir’isuu

• Maatiin daa’imman akkasii qaban dafanii gara dhaabbata fayyaa tajaajilli kun itti kennamuutti yaalchisuun ittisuun akka danda’amu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.