Fana: At a Speed of Life!

Kuufama qabeenya biyyaa hubachuun gara mindaatti jijjiiruun ga’ee nama hundaati – Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Leenjiin mata duree ‘Idaarraa gara Mindaatti’ jedhuun miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf guyyoota 10’f kennamaa ture xumurameera.

Itiyoophiyaan kuufama qabeenya qabdu beekuu dhabuurraa kan ka’e barootaaf idaan qabamtee turuu Itti Aantuun Af Yaa’ii mana marichaa Aadde Loomii Badhoon ibsaniiru.

Kuufama qabeenyaa biyyaa hubachuun gara mindaatti jijjiiruun ga’ee nama hundaa ta’uu kaasaniiru.

Jijjiirama eegalame milkeessuu, fayyadamummaa lammiilee fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf beekkumsaa fi ogummaan hojjechuun murteessaa ta’uu Aadde Loomiin dubbataniiru.

Hojmaata booddeetti hafaa fi gabaasa sobaa biyya miidhanirratti hordoffii cimaa taasiisuu fi tarkaanfii ragaa qabatamaarratti hundaa’e fudhachuun barbaachisaa ta’uu kaasuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.