Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi tarsiimoo riifoormii bulchiinsa faayinaansii waggoota 5 haaraa ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa tarsiimoo riifoormii bulchiinsa faayinaansii waggoota 5 haaraa bara 2016-2020’tti hojirra oolu har’a ifoomseera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi akka jedhanitti, karoorri tarsiimawaan ifoomuun bulchiinsa faayinaansii mootummaa sadarkaa duraan turerraa fooyyessuun, mootummaan tajaajiloota bu’uuraa lammiileen qaqqabsiisuuf kutannoo qabaachuu kan akeekuudha.

Tarsiimoon riifoormii haaraan hojiirra oole bu’a qabeessaa ta’uu kan danda’u qaamolee dhimmichi ilaallatu gidduutti qorannoo waloon deeggaramuun ta’uu hubachiisaniiru.

Bulchiinsa faayinaansii mootummaa bu’aa qabeessaa itti gaafatamaa fi iftoomina qabu dhugoomsuuf miira walta’iinsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.