Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Maallaqaa fi Ministeerri Galiiwwanii waliigaltee pirotokoolii mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Ministeera Maallaqaa fi Ministeera Galiiwwanii gidduutti imaammataa taaksii fi dhimmoota bulchiinsaa qindoominaan gaggeessuuf waliigalteen pirotokoolii mallatteeffameera.

Waliigaltichaas Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee fi Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee mallatteessaniiru.

Obbo Ahimad Shideen akka ibsanitti, waliigaltichi kan barbaachiseef imaammanni taaksii kan maddisiisuu fi raawwii isaa kan hordofu ministeerri maallaqaa akkasumas bulchiinsaa taaksii kan gaggeessuu ogeeyyiin mnisteera galiiwwanii itti gaafatama isaanii sirnaan akka bahatan taasisuufi.

Dabalataan hojiilee isaanii qindoominaan akka hogganaan taasisuuf hojmaata diriirsuun barbaachisaa ta’uun itti amanamee mallateeffamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

Aadde Ayinaalam Niguseen gama isaaniin, imaammanni taaksii fi dhimmoonni bulchiinsaa haala qindaa’aa ta’een akka hogganaman taasisuuf mootummaan karaa taaksiin ajandaalee diinagdee raawwachiisu galmaan ga’uuf waliigaltichi barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas hojiilee misoomaa raawwachiisuuf galii barbaachisu ga’umsaan walitti qabuuf murteessaa ta’uun waliigalteen pirotokoolii mallatteeffamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.